-
1 Mootota 7:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Solomoon Mootichi Hiiraamitti+ nama ergee Xiirosii isa fichisiise. 14 Inni ilma dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi gosa Niftaalem taate takkaa ture; abbaan isaa nama biyya Xiiros isa sibiila diimaa hojjetu ture;+ Hiiraam akaakuu hojii sibiila diimaa* hundumaatiin nama dandeettii, hubannaa+ fi muuxannoo guddaa qabu ture. Kanaafuu, gara Solomoon Mootichaa dhufee hojii inni isaaf kenne hunda ni hojjete.
-
-
2 Seenaa Baraa 4:11-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Kana malees Hiiraam miʼawwan daaraa, akaafaawwanii fi saaniiwwan golboo ni hojjete.+
Kanaafuu, Hiiraam mana Waaqa dhugaa ilaalchisee hojiiwwan Solomoon Mootichaaf hojjetu ni xumure;+ 12 isaanis, utubaawwan lamaan,+ akkasumas gubbeewwan boca saanii golboo qabanii fi mataa utubaawwan lamaan irra jiran, saaphanawwan+ lamaan warra gubbeewwan boca saanii golboo qabanii fi mataa utubaawwan sana irra jiran lamaan miidhagsuuf oolan, 13 romaanota+ 400 saaphanawwan lamaaniif tolfaman, jechuunis romaanota tokkoon tokkoon saaphanaa irratti tarree lamaan jiranii fi gubbeewwan boca saanii golboo qaban lamaan warra utubaawwan sana irra jiran miidhagsuuf hojjetaman,+ 14 gaariiwwan* kurnanii fi miʼawwan bishaanii kurnan warra gaariiwwan sana irra jiran,+ 15 Galaanichaa fi qotiyyoowwan 12 warra isa jala jiran,+ 16 akkasumas miʼawwan daaraa, akaafaawwan, shukkaawwanii+ fi miʼawwan isaanii hundumaa Hiiraam Abiiw+ mana Yihowaatiif akka oolaniif sibiila diimaa cululuqfame irraa Solomoon Mootichaaf ni hojjete.
-