-
Baʼuu 31:2-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Kunoo, ani Bezaaliʼel+ isa ilma Uurii, ilma ilma Huur isa gosa Yihudaa+ taʼe sana filadheera.* 3 Inni ogummaa, hubannaa fi beekumsa akka qabaatuuf, akkasumas ogummaa harkaa akaakuu hundumaa irratti dandeettii akka qabaatuuf hafuura Waaqayyootiin isa nan guuta; 4 kanas kanan godhu, pilaaniiwwan adda addaa akka qopheessuuf, warqii, meetii fi sibiila diimaadhaan wantoota adda addaa akka hojjetuuf, 5 dhagoota akka bocuu fi iddoo isaan taaʼan akka qopheessuuf,+ akkasumas muka irraa wantoota adda addaa akka tolchuufi.+
-