-
2 Mootota 24:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Tajaajiltoonni isaa magaalattiitti marsanii utuu jiranii, Nebukadnezaar mootiin Baabilon gara magaalattiitti dhufe.
-
-
2 Seenaa Baraa 36:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Achiis Nebukadnezaar miʼawwan mana Yihowaa keessa jiran tokko tokko gara Baabilonitti fudhatee mana mootummaa isaa isa Baabilon keessatti argamu keessa kaaʼe.+
-
-
2 Seenaa Baraa 36:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Innis guddaa fi xinnaa utuu hin jedhin miʼawwan mana Waaqa dhugaa hundumaa, akkasumas qabeenya mana Yihowaa, qabeenya mootichaa fi qabeenya bulchitoota isaa hundumaa gara Baabilonitti ni geesse.+
-
-
Izraa 6:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Kana malees, miʼawwan warqii fi meetii mana Waaqayyoo warri Nebukadnezaar mana qulqullummaa isa Yerusaalem keessa ture keessaa fudhatee gara Baabilonitti geesse+ haa deebifaman; isaanis mana qulqullummaa Yerusaalem keessa jiru keessa bakka isaaniitti haa deebifaman; mana Waaqayyoo keessas haa kaaʼaman.’+
-
-
Daaniʼel 1:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
1 Yehoyaaqiim+ mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti Nebukadnezaar mootiin Baabilon gara Yerusaalem dhufee ishiitti marse.+ 2 Boodas Yihowaan Yehoyaaqiim mootii Yihudaa fi miʼawwan mana* Waaqa dhugaa tokko tokko harka isaatti dabarsee kenne;+ innis gara biyya Shinaaritti,*+ gara mana* waaqa isaatti isaan geesse. Miʼawwan kanas mana qabeenyaa waaqa isaa keessa kaaʼe.+
-