-
Izraa 6:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Achiis Israaʼelonni, luboonni, Leewwonnii+ fi warri duraan boojiʼamanii turan kaan eebba* mana Waaqayyoo kana gammachuudhaan ni kabajan. 17 Isaan eebba mana Waaqayyoo kanaaf qotiyyoo 100, korbeeyyii hoolaa 200 fi xobbaallaa hoolaa 400, akkasumas lakkoofsa gosoota Israaʼelii wajjin haala wal qixa taʼeen guutummaa Israaʼeliif aarsaa cubbuutiif akka taʼanitti korbeeyyii reʼee 12 ni dhiheessan.+
-