-
Izraa 10:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Achiis Izraan lubichi kaʼee akkana isaaniin jedhe: “Isin dubartoota biyya ormaa fuudhuudhaan+ amanamoo utuu hin taʼin haftaniittu; kanaan kan kaʼes, yakka Israaʼel irratti yakka dabaltaniittu. 11 Ammas cubbuu keessan Yihowaa isa Waaqa abbootii keessanii taʼetti himadhaa; fedhii isaas raawwadhaa. Saboota biyyattii fi haadhotii manaa biyya ormaa kana irraas adda of baasaa.”+
-
-
Nahimiyaa 9:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Jiʼa kana keessaa guyyaa 24ffaatti, Israaʼelonni walitti ni qabaman; isaan uffata gaddaa uffatanii, awwaaras of irratti firfirsanii soomaa turan.+ 2 Yeroo kanatti warri sanyii Israaʼel taʼan namoota biyya ormaa hundumaa irraa adda of baasan;+ achiis dhaabbatanii cubbuu ofii isaanii fi balleessaa abbootii isaanii himatan.+
-