-
Baʼuu 31:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Israaʼelonni Sanbata haa kabajan; isaan guutummaa dhaloota isaanii keessatti Sanbata haa kabajan. Kun kakuu dhaabbataa dha. 17 Yihowaan guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa erga uumee booda guyyaa torbaffaatti waan boqotee fi waan gammadeef,+ sanbanni anaa fi saba Israaʼel gidduutti mallattoo dhaabbataa dha.’”+
-
-
Keessa Deebii 4:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Sabni guddaan dambiiwwanii fi heerawwan qajeeloo akka guutummaa Seera isa ani harʼa isin dura kaaʼaa jiru kanaa qabu isa kami?+
-
-
Roomaa 3:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Egaa, Yihudii taʼuun caalmaa maalii qaba? Yookiin faayidaan dhaqna qabaa maali dha? 2 Karaa hundumaan caalmaa guddaa qaba. Duraan dursee dubbiin Waaqayyoo inni qulqulluun imaanaadhaan isaanitti kennameera.+
-