-
1 Saamuʼel 19:4, 5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Kanaafuu, Yonaataan abbaa isaa Saaʼolitti waaʼee Daawit wanta gaarii dubbate.+ Akkana isaan jedhe: “Mootichi tajaajilaa isaa Daawit irratti cubbuu hin hojjetin; sababiin isaas, inni si irratti cubbuu hin hojjenne; wanti inni siif godhes si fayyadeera. 5 Inni Filisxeemicha rukutuuf jedhee lubbuu isaa balaadhaaf saaxileera;*+ Yihowaanis Israaʼelota hundumaatiif injifannoo* argamsiiseera. Atis kana ilaaltee baayʼee gammaddee turte. Maarree, sababii tokko malee Daawitiin ajjeesuudhaan dhiiga nama qulqulluu irratti maaliif cubbuu hojjetta?”+
-
-
Ermiyaas 18:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Wanta gaariidhaaf wanti hamaan deebifamuu qabaa?
Isaan lubbuu kootiif boolla qotaniiru.+
Dheekkamsi kee isaan irraa akka goru gochuuf,
Ani waaʼee isaanii wanta gaarii dubbachuuf akkamitti si dura akkan dhaabbadhe yaadadhu.
-