-
Hojii Ergamootaa 4:25-28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 karaa afaan abbaa keenya Daawit tajaajilaa keetii hafuura qulqulluudhaan akkana jetteetta:+ ‘Saboonni kan jeeqaman, namoonnis wantoota duwwaa taʼan irratti kan xiinxalan maaliifi? 26 Mootonni lafaa iddoo iddoo isaanii qabataniiru; bulchitoonnis tokko taʼanii walitti qabamanii Yihowaa* irrattii fi isa inni dibe* irratti kaʼaniiru.’+ 27 Dhuguma iyyuu Heroodisii fi Phonxiyos Philaaxos+ sabootaa fi namoota Israaʼelii wajjin magaalaa kana keessatti walitti qabamuudhaan, tajaajilaa kee Yesuus isa qulqulluu isa ati dibde irratti yeroo kaʼanitti wantoonni kun raawwatamaniiru;+ 28 kunis kan taʼe wanti ati humna* kee fi fedhii keetiin dursitee murteessite akka raawwatamuufi.+
-