-
Lakkoofsa 20:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Boodas Yihowaan Musee fi Aaroniin, “Isin ana irratti amantii waan dhabdaniif, saba Israaʼel durattis waan na hin qulqulleessineef, gumii kana gara biyya ani isaaniif kennutti hin galchitan” jedhe.+
-
-
2 Saamuʼel 12:9-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Ati wanta ija isaa duratti hamaa taʼe gochuudhaan dubbii Yihowaa kan tuffatte maaliifi? Uuriyaa Heeticha goraadeedhaan ni ajjeeste!+ Goraadee Amoonotaatiin erga isa ajjeestee+ booda haadha manaa isaa fudhattee haadha manaa godhatte.+ 10 Ammas haadha manaa Uuriyaa fudhattee haadha manaa godhachuudhaan waan na tuffatteef, matumaa goraadeen mana kee irraa hin deebiʼu.’+ 11 Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani manuma kee keessaa rakkina sitti nan fida;+ ijuma kee duratti haadhotii manaa kee fuudhee nama kan biraatiif nan kenna;+ innis guyyuma saafaa* haadhotii manaa kee wajjin ni ciisa.+
-