-
2 Mootota 18:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Hisqiyaas Mootichi mootii taʼee waggaa 14ffaa isaatti, Senaaheriib mootiin Asoor+ gara magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban hundumaa dhufee isaan qabate.+ 14 Kanaafuu, Hisqiyaas mootiin Yihudaa, “Ani balleesseera. Ana irraa deebiʼi; wanta ati na gaafatte hunda siifan kenna” jedhee gara mootii Asoor isa Laakiishitti argamutti dhaamsa erge. Mootiin Asooris adaba meetii taalaantii* 300 fi warqii taalaantii 30 akka kaffalu Hisqiyaas mootii Yihudaatti murteesse.
-