-
Leewwota 26:3-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 “‘Akka dambiiwwan kootti deddeebiʼuu fi ajajawwan koo eeguu keessan yoo itti fuftan, akkasumas hojii irra yoo isaan oolchitan,+ 4 ani yeroo isaatti bokkaa isiniif nan roobsa;+ lafattiinis firii ishii ni kenniti;+ mukeetiin dirree keessaas firii isaanii ni kennu. 5 Waqtiin midhaan itti dhooftan hamma yeroo firiin wayinii itti sassaabamuutti tura; yeroon firiin wayinii itti sassaabamus hamma yeroo midhaan itti facaafamuutti tura; isinis nyaata keessan nyaattanii ni quuftu; tasgabbiidhaanis biyya keessan keessa jiraattu.+
-