-
Roomaa 9:31-33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Israaʼel garuu seera qajeelummaa kan hordofe taʼus, seera sana hin raawwanne. 32 Maaliif? Sababiin isaas, isaan kana gochuuf kan yaalan amantiidhaan utuu hin taʼin hojiidhaan ture. Kanaafuu, “dhagaa gufachiisuun” ni gufatan;+ 33 kunis akkuma, “Kunoo, ani dhagaa gufachiisuu fi kattaa kuffisu Xiyoon keessa nan kaaʼa;+ haa taʼu malee, namni isatti amanu hin qaanaʼu” jedhamee barreeffametti dha.+
-
-
1 Pheexiros 2:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Kanaafuu, isin waan amantaniif, inni isiniif gatii guddaa qaba; warra hin amanneef garuu, “dhagaan ijaartonni tuffatan,+ dhagaa golee isa hunda caalu* taʼe”;+ 8 akkasumas “dhagaa gufachiisuu fi qarsaa kuffisu taʼe.”+ Isaan kan gufatan dubbichaaf waan hin ajajamneefi. Wanti isaan eeggachaa tures kanuma.
-