Isaayyaas 49:13 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 13 Isin samiiwwan ililchaa, atis yaa lafaa gammadi.+ Gaaronni ililchuudhaan haa gammadan.+ Sababiin isaas, Yihowaan saba isaa jajjabeesseera,+Namoota isaa warra cunqurfamanittis gara laafina ni argisiisa.+ Isaayyaas 51:3 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 3 Yihowaan Xiyooniin ni jajjabeessa.+ Inni diiggaawwan ishii hundumaa ni jajjabeessa,+Lafa onaa ishii akkuma Eedan,+Gammoojjii ishiis akkuma iddoo biqiltuu Yihowaa ni godha.+ Gammachuunii fi ililchi,Galannii fi faarfannaan namatti tolus ishii keessatti ni argama.+ 2 Qorontos 1:3, 4 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 3 Waaqaa fi Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos+ isa Abbaa gara laafina guddaa+ fi Waaqa jajjabina hundaa+ taʼeef galanni haa taʼu; 4 inni jajjabina isa irraa argannuun+ warra rakkina akkamii iyyuu keessa jiran jajjabeessuu akka dandeenyuuf+ rakkina keenya hundumaa keessatti nu jajjabeessa.+
13 Isin samiiwwan ililchaa, atis yaa lafaa gammadi.+ Gaaronni ililchuudhaan haa gammadan.+ Sababiin isaas, Yihowaan saba isaa jajjabeesseera,+Namoota isaa warra cunqurfamanittis gara laafina ni argisiisa.+
3 Yihowaan Xiyooniin ni jajjabeessa.+ Inni diiggaawwan ishii hundumaa ni jajjabeessa,+Lafa onaa ishii akkuma Eedan,+Gammoojjii ishiis akkuma iddoo biqiltuu Yihowaa ni godha.+ Gammachuunii fi ililchi,Galannii fi faarfannaan namatti tolus ishii keessatti ni argama.+
3 Waaqaa fi Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos+ isa Abbaa gara laafina guddaa+ fi Waaqa jajjabina hundaa+ taʼeef galanni haa taʼu; 4 inni jajjabina isa irraa argannuun+ warra rakkina akkamii iyyuu keessa jiran jajjabeessuu akka dandeenyuuf+ rakkina keenya hundumaa keessatti nu jajjabeessa.+