-
Uumama 33:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Innis deebisee akkana isaan jedhe: “Ati gooftaan koo, ijoolleen dadhaboo akka taʼan,+ akkasumas hoolotaa fi loon ilmoolee isaanii hoosisan kunuunsaa akkan jiru beekta. Horiiwwan kun guyyaa tokkoof illee saffisaan yoo oofaman guutummaatti ni dhumu.
-
-
1 Pheexiros 5:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Ilaaltota ol aanaa taatanii tajaajiluudhaan* tuuta hoolota Waaqayyoo warra eegumsa keessan jala jiran tiksaa;+ kanas dirqamaan utuu hin taʼin, Waaqayyo duratti fedhiidhaan,+ buʼaa sirrii hin taane jaallachuudhaan utuu hin taʼin,+ hawwii guddaadhaan raawwadhaa; 3 warra qabeenya Waaqayyoo taʼan irratti gooftummaa argisiisuudhaan utuu hin taʼin,+ tuutichaaf fakkeenya taʼuudhaan+ isaan tiksaa.
-