-
Ermiyaas 40:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Achiis ajajaan waardiyyootaa sun Ermiyaasiin fuudhee akkana isaan jedhe: “Waaqni kee Yihowaan iddoo kana irratti badiisa kana akka fidu raajii dubbateera;
-
-
Ermiyaas 40:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Kunoo, ani harʼa funcaa harkaa isa harka kee irra jiru si irraa nan hiika. Anaa wajjin gara Baabilon dhaquun gaarii fakkaatee yoo sitti mulʼate, kottu, anis kunuunsa siif nan godha. Anaa wajjin gara Baabilon dhaquu hin barbaaddu yoo taʼe garuu, hin dhufin. Kunoo, guutummaan biyyattii si dura jira. Bakka filatte dhaqi.”+
-