-
Keessa Deebii 28:59Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
59 Yihowaan siinis taʼe sanyii kee dhaʼicha baayʼee cimaa taʼeen, dhaʼicha guddaa fi yeroo dheeraadhaaf turuun,+ akkasumas dhukkuba cimaa fi yeroo dheeraadhaaf turuun ni rukuta.
-
-
Ermiyaas 15:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 ‘Eessa deemna?’ jedhanii yoo si gaafatan immoo, akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha:
“Namni dhaʼichaan duʼuu qabu kam iyyuu, dhaʼichaan haa duʼu!
Namni goraadeedhaan duʼuu qabu kam iyyuu, goraadeedhaan haa duʼu!+
Namni beelaan duʼuu qabu kam iyyuu, beelaan haa duʼu!
Namni boojuudhaan fudhatamuu qabu kam iyyuus, haa boojiʼamu!”’+
-