-
Ermiyaas 28:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Achiis Ermiyaas raajichi Hanaaniyaa+ raajichaan akkana jedhe: “Yaa Hanaaniyaa, maaloo, dhagaʼi! Yihowaan si hin ergine; ati garuu sabni kun sobatti akka amanamu gooteetta.+ 16 Kanaan kan kaʼes, Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani lafa irraa sin balleessa. Yihowaa irratti fincila waan kakaasteef, ati waggaa kanatti ni duuta.’”+
-
-
Hisqiʼel 13:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 “‘Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “‘Isin wanta soba taʼe waan dubbattaniif, mulʼanni keessanis soba waan taʼeef, ani isin irratti kaʼeera’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”+ 9 Harki koo raajota mulʼanni isaanii soba taʼee fi raajii sobaa dubbatan irratti kaʼeera.+ Isaan saba ani akka michuu kootti ilaalu keessaa tokko hin taʼan; galmee mana Israaʼel keessatti hin galmeeffaman; gara biyya Israaʼelittis hin deebiʼan; isinis ani Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.+
-