-
Hisqiʼel 37:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Isaan kana booda waaqolii isaanii warra balfamoo* taʼaniin, gochawwan isaanii warra jibbisiisoo taʼanii fi balleessaa isaaniitiin of hin xureessan.+ Gocha amanamummaa dhabuu isaanii isa ittiin cubbuu hojjetan sana hundumaa irraa isaan nan oolcha, isaan nan qulqulleessas. Isaan saba koo ni taʼu, anis Waaqa isaanii nan taʼa.+
-
-
2 Qorontos 6:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Akkasumas, manni qulqullummaa Waaqayyoo waaqolii tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba?+ Sababiin isaas, akkuma Waaqayyo, “Ani isaan gidduu nan jiraadha,+ akkasumas isaan gidduu nan deddeebiʼa, ani Waaqa isaanii nan taʼa, isaanis saba koo ni taʼu”+ jedhee dubbate, nuti mana qulqullummaa Waaqayyoo ti.+
-