-
Nahimiyaa 10:35-37Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 Firii lafa keenyaa isa jalqaba bilchaatee fi firiiwwan mukeetii firii godhatan hundumaa keessaa isa jalqaba bilchaate waggaa waggaadhaan gara mana Yihowaatti ni fidna;+ 36 akkasumas akka Seericha irratti barreeffametti, ilmaan keenya, horii keenya,+ loon keenyaa fi bushaayee* keenya keessaa warra angafaa ni fidna. Nuti gara mana Waaqa keenyaatti, gara luboota warra mana Waaqa keenyaatti tajaajilaniitti isaan ni fidna.+ 37 Kana malees, firii jalqabaa midhaan+ daakamaa keenyaa, buusiiwwan keenya, firii mukaa+ akaakuu hundumaa, daadhii wayinii haaraa fi zayitii+ gara lubootaatti, gara kutaawwan mana kuusaa* mana Waaqa keenyaatti+ ni fidna; akkasumas Leewwonni warra magaalota qonnaa keenya hundumaa irraa kudhan keessaa tokko* fudhatan waan taʼaniif, oomisha lafa keenyaa irraa Leewwotaaf kudhan keessaa tokko ni kennina.+
-