-
Ermiyaas 34:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Dhaqiitii Zedeeqiyaa+ mootii Yihudaatiin akkana jedhi: “Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani magaalaa kana harka mootii Baabilonitti dabarsee nan kenna, innis ibiddaan ishii guba.+ 3 Ati shakkii tokko malee waan qabamtuuf, dabarfamtees harka isaatti waan kennamtuuf, harka isaa jalaa hin miliqxu.+ Ijaa ijatti mootii Baabilon ni argita, innis fuulaa fuulatti sitti ni dubbata; atis gara Baabilon ni deemta.’+
-
-
Ermiyaas 52:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Achiis mootiin Baabilon ija Zedeeqiyaa ni jaamse;+ hidhaa sibiila diimaatiin hidhees gara Baabilonitti isa fide; hamma guyyaa duʼa isaattis mana hidhaa keessa isa turse.
-