-
Ermiyaas 49:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Yihowaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, kunoo,
Guyyaan ani sagaleen mallattoo* waraanaa Raabaa+ ishii kan Amoonotaa+ taate irratti akka dhagaʼamu itti godhu ni dhufa.
Ishiin tabba one ni taati,
Magaalonni ishii jalatti* argamanis ibiddaan ni gubamu.’
‘Israaʼelis warra iddoo isaa irraa isa ariʼanii turan ni dhaala’+ jedha Yihowaan.
-
-
Hisqiʼel 25:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Ani Raabaa+ bakka gaalonni dheedan, biyya Amoonotaas bakka bushaayeen itti boqotu nan godha; isinis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.”’”
-
-
Amoos 1:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Kanaafuu, ani dallaa Raabaatti ibidda nan qabsiisa,+
Innis masaraawwan ishii warra ciccimoo ni nyaata,
Guyyaa waraanaatti iyyi waraanaa ni dhagaʼama,
Guyyaa obomboleettiitti bubbeen cimaan ni taʼa.
-