-
Ermiyaas 32:17-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, kunoo ati humna kee isa guddaa fi irree kee isa diriirfameen samiiwwanii fi lafa tolchiteetta.+ Wanti siif hin dandaʼamne tokko illee hin jiru; 18 ati isa jaalala amanamaa kumaatamatti argisiisu, isa balleessaa abbootiin raawwatan ilmaan isaanii* warra isaan booda dhufanitti deebisu,+ Waaqa dhugaa, isa guddaa fi isa jabaa, isa maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼe sana dha. 19 Gorsi kee guddaa dha,* gochi kees jabaa dha;+ tokkoon tokkoon namaatiif akka daandii isaattii fi akka hojii isaatti isaaf kennuuf,+ ijji kee daandii namootaa hundumaa ni ilaala.+
-