-
Daaniʼel 3:4-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Namni labsii labsus sagalee isaa ol kaasee akkana jedhee labse: “Uummanni, saboonnii fi namoonni qooqa garaa garaa dubbattan akkana akka gootan ajajamtaniittu; 5 yommuu sagalee xurumbaa,* faaggaa, baganaa, baganaa xinnoo, meeshaa muuziqaa ribuu qabuu, ulullee qalqalloo fi sagalee meeshaalee muuziqaa kaan hundumaa dhageessanitti lafatti gombifamaatii siidaa warqii Nebukadnezaar Mootichi dhaabe sana waaqeffadhaa. 6 Namni lafatti gombifamee hin waaqeffanne kam iyyuu yeruma sana ibidda bobaʼaa jiru keessatti darbatama.”+
-