-
Keessa Deebii 32:12-14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Inni iddoowwan ol kaʼoo lafaa akka qabatu ni godhe;+
Kanaan kan kaʼes, oomisha maasichaa ni nyaate.+
Inni kattaa keessaa damma,
Qarsaa cimaa keessaas zayitii isa ni soore;
14 Dhadhaa loonii fi aannan bushaayee,
Hoolota hunda caalaa filatamoo taʼanii* wajjin,
Korbeeyyii hoolaa Baashaanii fi korbeeyyii reʼee,
Qamadii hunda caalaa baʼeessa taʼee* wajjin isa ni soore;+
Atis daadhii wayinii dhiiga* firii wayinii irraa argamu ni dhugde.
-
-
Nahimiyaa 9:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Isaan magaalota dallaa dhagaa qabanii+ fi lafa gabbataa+ ni qabatan; manneen wantoota gaggaarii akaakuu adda addaatiin guutaman, boollawwan bishaanii qotaman, maasiiwwan wayinii, mukeetii ejersaa,+ akkasumas mukeetii firii godhatan baayʼinaan ni dhaalan. Kanaafuu, isaan nyaatanii quufanii ni gabbatan; gaarummaa kee isa guddaattis baayʼee gammadan.
-