-
2 Mootota 23:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Iddoo aarsaa isa Beetel keessa jiru, jechuunis iddoo ol kaʼaa isa Yeroboʼaam ilmi Nebaat hojjetee fi Israaʼelonni cubbuu akka hojjetan ittiin godhe sanas ni diige.+ Iddoo aarsaa fi iddoo ol kaʼaa sana erga diigee booda ni gube; caccabsee daaraa ni godhe; utubaa waaqeffannaa* sanas ni gube.+
16 Yosiyaas awwaalota gaaricha irra jiran garagalee yommuu ilaalu, lafeewwan sun awwaalicha keessaa baafamanii iddoo aarsaa irratti akka gubaman gochuudhaan, akkuma dubbii Yihowaa isa namni Waaqa dhugaa wantoonni kun akka raawwataman dursee dubbate sanaatti iddoo aarsaa sana ni salphise.+
-
-
2 Seenaa Baraa 31:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Isaan wantoota kana hundumaa akkuma xumuraniin, Israaʼelonni achitti argaman hundi gara magaalota Yihudaatti baʼanii guutummaa Yihudaa fi Biiniyaam keessaa, akkasumas biyya Efreemii fi biyya Minaasee+ keessaa guutummaatti hamma balleessanitti siidaawwan waaqeffannaa ni caccabsan,+ utubaawwan waaqeffannaa* ni mummuran,+ akkasumas iddoowwan ol kaʼoo+ fi iddoowwan aarsaa ni diigan;+ achiis Israaʼelonni hundi gara magaalaa isaaniitti, tokkoon tokkoon isaaniis gara dhaala dhaala isaaniitti ni deebiʼan.
-
-
Hoseʼaa 10:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Garaan isaanii fakkeessituu* dha;
Egaa isaan yakkamtoota ni taʼu.
Iddoowwan aarsaa isaanii kan caccabsuu fi utubaawwan waaqeffannaa isaanii kan diigu tokko jira.
-
-
Miikiyaas 1:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Ani Samaariyaa tuullaa diiggaa dirree keessa jiru,
Akkasumas iddoo muka wayinii dhaaban nan godha;
Dhagoota ishii sululatti gad nan darbadha,*
Buʼuurawwan ishiis qullaatti nan hambisa.
-