-
Hisqiʼel 22:25, 26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Raajonni ishii akkuma leenca baroodaa wanta adamse cicciruutti ishii keessatti daba qopheessaniiru.+ Isaan namoota* ni nyaatu. Qabeenyaa fi wantoota gatii guddaa qaban ni saamu. Dubartoonni abbaan manaa irraa duʼe ishii keessatti akka baayʼatanis godhaniiru. 26 Luboonni ishii seera koo cabsaniiru,+ iddoowwan koo warra qulqulluu taʼanis xureessuu isaanii itti fufaniiru.+ Isaan wanta qulqulluu taʼee fi wanta kan biraa gidduu garaa garummaan akka jiraatu hin godhan;+ wanta qulqulluu hin taanee fi wanta qulqulluu taʼe beeksisuu dhiisaniiru;+ sanbatawwan koo kabajuu didaniiru; anis isaan gidduutti xureeffameera.
-