-
Hisqiʼel 33:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ani duʼa nama hamaatti hin gammadu;+ kanaa mannaa, namni hamaan daandii isaa jijjiiree+ lubbuudhaan akka jiraatun barbaada.+ Yaa mana Israaʼel, deebiʼaa, daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa;+ maaliif duutu?”’+
-
-
Miikiyaas 7:18, 19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Waaqni akka keetti
Warra dhaala isaa keessaa hafaniif+ balleessaa isaanii isaaniif dhiisuu fi dogoggora isaanii irra isaaniif darbu eenyu?+
Inni jaalala amanamaatti waan gammaduuf,
Bara baraaf akkuma dheekkametti itti hin fufu.+
19 Inni ammas gara laafina nutti argisiisa;+ balleessaa keenyas toʼannaa jala ni galcha.*
Ati cubbuu isaanii hundumaa galaana gad fagoo keessatti ni darbatta.+
-