-
Leewwota 22:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Fudhatama waan isiniif hin argamsiisneef, wanta mudaa qabu akkamii iyyuu hin dhiheessinaa.+
-
-
Leewwota 22:22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Horiin aarsaa taʼee dhihaatu kam iyyuu kan jaame, kan cabe, kan cite, akkasumas kormammuu, cittoo yookiin roobbii kan qabu taʼuu hin qabu; horii akkanaa keessaa isa kam iyyuu Yihowaadhaaf hin dhiheessinaa yookiin iddoo aarsaa Yihowaa irratti aarsaa hin godhinaa.
-
-
Keessa Deebii 15:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Haa taʼu malee, horiin sun mudaa yoo qabaate, jechuunis yoo naafate, yoo jaame yookiin mudaa guddaa kan biraa akkamii iyyuu yoo qabaate Waaqa kee Yihowaadhaaf aarsaa gootee dhiheessuu hin qabdu.+
-
-
Keessa Deebii 17:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 “Qotiyyoo yookiin hoolaa mudaa yookiin rakkina akkamii iyyuu qabu Waaqa kee Yihowaadhaaf aarsaa gootee hin dhiheessin; sababiin isaas kun Waaqa kee Yihowaa duratti jibbisiisaa dha.+
-