-
Luqaas 9:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Namoonni hedduun sun garuu kana beekanii isa duukaa buʼan. Innis gaarummaadhaan isaan simatee waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isaanitti himuu jalqabe; warra fayyuun isaan barbaachisus ni fayyise.+
-
-
Hojii Ergamootaa 10:37, 38Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
37 Isin cuuphaa Yohaannis lallabe booda, Galiilaadhaa jalqabee guutummaa Yihudaa keessatti wanta odeeffamaa ture beektu;+ 38 waaʼeen Yesuus isa nama Naazireet, Waaqayyo hafuura qulqulluu fi humnaan akkamitti akka isa dibe,+ akkasumas Waaqayyo isaa wajjin waan tureef+ wanta gaarii hojjechaa fi namoota Diyaabilosiin cunqurfaman hundumaa fayyisaa+ biyyattii keessa akka naannaʼe ni odeeffama ture.
-