-
Maatewos 17:10-13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Haa taʼu malee barattoonni isaa, “Maarree barsiisonni seeraa, Eeliyaas dursee dhufuu qaba kan jedhan maaliifi?” jedhanii isa gaafatan.+ 11 Innis deebisee akkana jedhe: “Dhugaa dha, Eeliyaas dhufee waan hundumaa iddootti deebisa.+ 12 Haa taʼu malee, ani isinitti nan hima, Eeliyaas dhufeera; isaan garuu wanta barbaadan isa irratti raawwatan+ malee isa hin beekne. Ilmi namaas akkasuma harka isaaniitti dhiphachuuf jedha.”+ 13 Yeroo kanatti barattoonni isaa kan inni dubbachaa ture waaʼee Yohaannis Cuuphaa taʼuu isaa hubatan.
-