-
Maarqos 6:35-44Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 Yeroo kanatti saʼaatiin sokkee waan tureef, barattoonni isaa gara isaa dhufanii akkana isaan jedhan: “Iddoon kun bakka namni hin jirre dha, saʼaatiin isaas sokkeera.+ 36 Kanaafuu, namoonni kun gara baadiyyaa fi gandeen naannoo kanaa dhaqanii wanta nyaatan akka bitatan isaan geggeessi.”+ 37 Innis deebisee, “Isinumti wanta nyaatan kennaafii” jedhe. Isaanis, “Maarree dhaqnee dinaaree* 200n daabboo binnee namoonni kun akka nyaatan isaaniif kenninuu?”+ isaan jedhan. 38 Innis, “Daabboo meeqa qabdu? Mee dhaqaa ilaalaa!” isaaniin jedhe. Dhaqanii erga ilaalanii booda, “Daabboo shanii fi qurxummii lama”+ isaan jedhan. 39 Achiis namoonni hundi tuuta tuutaan marga lalisaa irra akka tataaʼan ajaje.+ 40 Kanaafuu, isaan dhibba dhibbaa fi shantama shantama taʼanii tuutaan taaʼan. 41 Daabboo shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee gara samii ilaalee eebbise.+ Daabboo sana erga caccabsee boodas namoota sanaaf akka dhiheessaniif barattoota isaatti kenne; qurxummii lamaan sanas namoota sana hundumaatiif hire. 42 Akka kanaan hundi isaanii nyaatanii quufan; 43 isaanis qurxummii sanaan alatti, hambaa irraa hafe guuboo 12 guutuu walitti qaban.+ 44 Namoonni daabboo sana nyaatanis dhiirota 5,000 turan.
-
-
Luqaas 9:12-17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Guyyichis dhihuu jala gaʼee ture. Warri Kudha Lamaan sunis gara isaa dhufanii, “Iddoon jirru kun bakka namni hin jirre dha; kanaafuu, namoonni kun gara gandootaa fi baadiyyaa naannoo kana jiran dhaqanii bakka bulanii fi nyaata akka barbaaddatan isaan geggeessi”+ isaan jedhan. 13 Inni garuu, “Isinumti wanta nyaatan kennaafii”+ isaaniin jedhe. Isaanis, “Tarii nyaata namoota kana hundaaf gaʼu dhaqnee yoo binne malee, daabboo shanii fi qurxummii lamaan alatti homaa hin qabnu” isaan jedhan. 14 Namoonni kunis gara dhiirota 5,000 turan. Inni garuu barattoota isaatiin, “Shantama shantama taʼanii tuutaan akka taaʼan godhaa” jedhe. 15 Isaanis akkuma inni jedhe namoota sana hunda teessisan. 16 Yesuusis daabboo shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee gara samii ilaalee eebbise. Erga caccabsee boodas namoota sanaaf akka dhiheessaniif barattoota isaatti kenne. 17 Hundi isaanii nyaatanii quufan; hambaa irraa hafes guuboo 12 walitti qaban.+
-
-
Yohaannis 6:5-13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Yesuus namoonni hedduun gara isaa yommuu dhufan ol jedhee ilaalee Filiphoosiin, “Daabboo namoonni kun nyaatan eessaa binna?”+ jedhe. 6 Taʼus kana kan dubbate, isa qoruuf malee waan gochuuf jedhu beeka ture. 7 Filiphoosis, “Tokkoon tokkoon isaaniitiif xinnoo xinnoo akka argataniif illee, daabboon dinaaree* 200 iyyuu hin gaʼu” jedhee isaaf deebise. 8 Barattoota isaa keessaa tokko kan taʼe Indiriyaas, obboleessi Simoon Pheexiros akkana isaan jedhe: 9 “Mucaa xinnoon daabboo garbuu shanii fi qurxummii xixinnoo lama qabu tokko as jira. Garuu kun nama hammanaatiif akkamitti gaʼa?”+
10 Yesuusis, “Namoota tessisaa” jedhe. Bakka sana margi hedduun waan tureef namoonni sun achi tataaʼan; dhiironni achi taaʼanis gara 5,000 turan.+ 11 Yesuusis daabboo sana fuudhee erga galateeffatee booda warra achi tataaʼaniif hire; qurxummii xinnoo sanas akkasuma godhe; isaanis hamma barbaadan fudhatan. 12 Haa taʼu malee, erga namoonni sun nyaatanii quufanii booda, barattoota isaatiin, “Wanti tokko illee akka lafatti hin badneef, hambaa irraa hafe hunda walitti qabaa” jedhe. 13 Isaanis daabboo garbuu shanan isa namoonni sun nyaatan irraa hambaa irraa hafe hunda sassaabanii guuboo 12tti guutan.
-