-
Maarqos 8:27-29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Yesuusii fi barattoonni isaa gara gandeen Qisaariyaa Filiphisiyus deemuu jalqaban; utuu deemaa jiraniis karaa irratti, “Namoonni eenyu anaan jedhu?”+ jedhee isaan gaafate. 28 Isaanis, “Yohaannis Cuuphaa,+ kaan garuu Eeliyaas,+ warri kaan immoo raajota keessaa tokko dha jedhu” isaan jedhan. 29 Innis, “Isin hoo eenyu anaan jettu?” jedhee isaan gaafate. Pheexirosis, “Ati Kiristoosi”+ jedhee isaaf deebise.
-
-
Luqaas 9:18-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Boodas Yesuus utuu kophaa isaa kadhachaa jiruu barattoonni isaa gara isaa dhufan; innis, “Namoonni eenyu naan jedhu?” jedhee isaan gaafate.+ 19 Isaanis deebisanii, “Yohaannis Cuuphaa, kaan garuu Eeliyaas jedhu; warri kaan immoo raajota durii keessaa tokko akka kaʼe dubbatu”+ isaan jedhan. 20 Innis, “Isin hoo, eenyu naan jettu?” isaaniin jedhe. Pheexirosis, “Ati Kiristoos isa Waaqayyo erge dha”+ jedhee deebise.
-