-
Maarqos 11:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Yesuusii fi barattoonni isaa yeroo gara Yerusaalem, gara Beetafaagee fi Bitaaniyaa+ warra Gaara Ejersaa irra jiranitti dhihaatan, inni barattoota isaa keessaa lama erge;+ 2 akkana isaaniin jedhe: “Ganda fuula keessan duraa mulʼattu sana dhaqaa; akkuma achi seentaniin, ilmoon harree hamma ammaatti namni irra taaʼee hin beekne tokko hidhamtee argitu. Hiikaatii as fidaa. 3 Eenyu iyyuu, ‘Maal gochaa jirtu?’ yoo isiniin jedhe, ‘Gooftaatu barbaada, inni dafee idduma kanatti deebisa’ jedhaa.”
-
-
Luqaas 19:28-31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda, gara Yerusaalem deemuu isaa itti fufe. 29 Beetafaagee fi Bitaaniyaa warra Gaara Ejersaa+ biratti argamanitti yommuu dhihaatu, barattoota isaa keessaa lama erge;+ 30 akkana isaaniin jedhe: “Ganda fuula keessan duraa mulʼattu sana dhaqaa; erga itti seentanii boodas, ilmoon harree namni irra taaʼee hin beekne tokko hidhamtee argitu. Hiikaatii as fidaa. 31 Eenyu iyyuu, ‘Maaliif hiiktu?’ jedhee yoo isin gaafate garuu, ‘Gooftaatu barbaada’ jedhaa.”
-