-
Maarqos 12:24-27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Isin kan dogoggortan Kitaabota Qulqulluus taʼe humna Waaqayyoo waan hin beekneef mitii?+ 25 Sababiin isaas, yeroo duʼaa kaʼan dhiironni hin fuudhan, dubartoonnis hin heeruman; kanaa mannaa, akka maleekota samii taʼu.+ 26 Duʼaa kaʼuu warra duʼanii ilaalchisee garuu kitaaba Musee keessaa, seenaa waaʼee harangamaa bobaʼuu dubbatu irratti Waaqayyo, ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoobi’+ akka isaan jedhe hin dubbisnee? 27 Inni Waaqa warra jiraatoo ti malee, Waaqa warra duʼanii miti. Isin baayʼee dogoggortaniittu.”+
-