-
Maatewos 16:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Yesuus yeroo sanaa jalqabee, gara Yerusaalem dhaquu akka qabu, maanguddoonni, dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa dhiphina guddaa akka isa irra geessisan, akka ajjeefamuu fi guyyaa sadaffaatti duʼaa akka kaafamu+ barattoota isaatiif ibsuu jalqabe.
-
-
Maatewos 20:18, 19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 “Kunoo, gara Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi namaas dura buutota lubootaa fi barsiisota seeraatti dabarfamee ni kennama. Isaanis duʼa isatti murteessu.+ 19 Akkasumas, akka isatti qoosan, akka isa garafanii fi muka irratti akka isa fannisaniif+ saboota kaanitti dabarsanii isa kennu; achiis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama.”+
-
-
Yohaannis 19:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Philaaxosis, muka irratti akka fannifamuuf dabarsee isaanitti isa kenne.+
Kanaafuu, isaan Yesuusiin fuudhanii deeman.
-