-
Maatewos 26:42-46Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
42 Ammas yeroo lammataatiif deemee, “Yaa Abbaa koo, xoofoon kun utuu ani hin dhugin darbuu hin dandaʼu taanaan, fedhiin kee haa raawwatamu”+ jedhee kadhate. 43 Ammas deebiʼee yeroo dhufu akka malee hirribni isaan qabee* waan tureef rafanii isaan arge. 44 Ammas achumatti isaan dhiisee deemuudhaan, siʼa sadaffaadhaaf waanuma duraan kadhate sana irra deebiʼee kadhate. 45 Achiis gara barattoota isaatti deebiʼee akkana isaaniin jedhe: “Yeroon kun yeroo itti raftanii fi yeroo itti boqottan miti! Kunoo, saʼaatiin Ilmi namaa harka cubbamootaatti dabarfamee itti kennamu dhihaateera. 46 Kaʼaa, haa deemnu. Kunoo, inni dabarsee na kennu dhihaateera.”
-