-
Maatewos 27:15-18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Bulchaan sun yeroo hunda guyyaa ayyaanaatti nama uummanni sun akka isaaniif hiikamu barbaadan kam iyyuu hiikuu barsiifata godhatee ture.+ 16 Yeroo sanatti namichi Barbaan jedhamuu fi hammeenya hojjechuudhaan beekamu tokko hidhamee ture. 17 Kanaafuu, yommuu isaan walitti qabaman Philaaxos, “Eenyuun akkan isiniif hiiku barbaaddu? Barbaaniin moo Yesuus isa Kiristoos jedhamu sana?” isaaniin jedhe. 18 Philaaxos kana kan jedhe, dabarsanii kan isa kennan hinaaffaadhaan akka taʼe waan beekuuf ture.
-
-
Yohaannis 18:39Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
39 Kana malees, akka barsiifata keessaniitti guyyaa Faasikaatti nama tokko isiniif nan hiika.+ Maarree, Mootii Yihudootaa akkan isiniif hiiku ni barbaadduu?”
-