-
Maatewos 9:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Eenyu iyyuu uffata moofaa irratti erbee haaraa hin erbu; sababiin isaas, erbeen haaraan sun shushuntuuree uffata sana caalaatti tarsaasa.+ 17 Yookiin namoonni daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti hin naqan. Akkana yoo godhan garuu, qalqallichi dhoʼee daadhichi ni dhangalaʼa; qalqalloon sunis sana booda faayidaadhaa ala taʼa. Haa taʼu malee, namoonni daadhii wayinii haaraa qalqalloo haaraatti naqu; akka kanaan lamaanuu yeroo dheeraa turu.”
-
-
Luqaas 5:36-38Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
36 Dabalataanis akkana jedhee fakkeenya tokko isaanitti hime: “Namni uffata haaraa irraa erbee muree uffata moofaa irratti hodhu hin jiru. Akkana yoo godhe erbeen haaraan sun irraa ni kaʼa; erbeen haaraan sun isa moofaa wajjin wal hin simu.+ 37 Kana malees, eenyu iyyuu daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti hin naqu. Akkana yoo godhe garuu, daadhiin wayinii haaraan sun qalqalloo sana ni dhoosa; wayinichi ni dhangalaʼa; qalqalloon sunis faayidaadhaa ala taʼa. 38 Haa taʼu malee, daadhii wayinii haaraan qalqalloo haaraatti naqamuu qaba.
-