-
1 Saamuʼel 21:1-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Boodas Daawit gara Ahimelek lubichaa isa Noobitti+ argamuu dhufe. Ahimelek Daawitiin yommuu argu hollachuu jalqabe; achiis, “Kophaa kee kan taatee fi namni tokko illee si bira kan hin jirre maaliifi?” isaan jedhe.+ 2 Daawitis akkana jedhee Ahimelek lubichaaf deebise: “Mootichi wanta tokko akkan godhu na ajajeera; haa taʼu malee, ‘Waaʼee ergama ani itti si erge kanaa fi waaʼee qajeelfama ani sii kenne kanaa eenyu iyyuu waan tokko illee akka hin beekne’ naan jedheera. Namoota koo wajjinis bakka taʼe tokkotti wal arguuf beellama qabadheera. 3 Kanaafuu, amma daabboon shan harka kee irra yoo jiraate yookiin waanuma argame naaf kenni.” 4 Lubichi garuu, “Daabboon qulqulluu hin taane hin jiru; namoonni kee dubartoota irraa* of qusataniiru+ yoo taʼe garuu, daabboon qulqulluu taʼe jira”+ jedhee isaaf deebise. 5 Daawitis, “Akkuma kanaan dura yommuun duulaaf baʼu gochaa ture sanaatti, nuti guutummaatti dubartoota irraa of qusanneerra.+ Namoonni koo yeroo hojii kaaniif baʼanitti illee qaamni isaanii qulqulluu erga taʼee, harʼa immoo caalaatti qulqulluu hin taʼuu ree?” jedhee lubichaaf deebise. 6 Kanaafuu, achi kan ture daabboo ilaalchaa* isa guyyuma sanatti Yihowaa duraa fuudhamee daabboo hoʼaadhaan bakka buufame malee daabboon kan biraan waan hin jirreef, lubichi daabboo qulqulluu sana isaaf ni kenne.+
-