-
Maatewos 13:3-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Achiis akkana jedhee fakkeenyaan+ wanta hedduu isaan barsiisuu jalqabe: “Kunoo, namni sanyii facaasu tokko sanyii facaasuu dhaqe.+ 4 Utuma inni facaasaa jiruus sanyiiwwan tokko tokko karaa qarqara buʼan; simbirroonnis dhufanii isaan funaannatan.+ 5 Kaan immoo lafa dhagaa taʼee fi biyyoo hedduu hin qabne irra buʼan; biyyoon sun gad fageenya waan hin qabneef dafanii biqilan.+ 6 Haa taʼu malee, hidda waan hin qabneef, yeroo aduun baatu waxalamanii gogan. 7 Warri kaan immoo qoree gidduu buʼan; qoreen sunis guddatee isaan hudhe.+ 8 Kaan garuu biyyoo gaarii irra buʼanii firii godhachuu jalqaban; inni tokko dachaa 100, inni tokko dachaa 60, inni tokko immoo dachaa 30 godhate.+ 9 Namni gurra qabu haa dhagaʼu.”+
-
-
Luqaas 8:5-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 “Namni sanyii facaasu tokko sanyii facaasuu dhaqe. Utuma inni facaasaa jiruus sanyiiwwan tokko tokko karaa qarqara buʼanii dhidhiitaman; simbirroonni samiis isaan funaannatan.+ 6 Tokko tokko immoo dhagaa irra buʼan; jiidhina waan hin qabneefis erga biqilanii booda ni gogan.+ 7 Warri kaan immoo qoree gidduu buʼan; qoreen isaanii wajjin guddate sunis isaan hudhe.+ 8 Kaan garuu biyyoo gaarii irra buʼan; erga biqilanii boodas firii dachaa 100 godhatan.”+ Wantoota kana erga dubbatee booda sagalee isaa ol kaasee, “Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu”+ jedhe.
-