-
Maarqos 5:35-37Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 Utuu inni dubbachaa jiruus, mana geggeessaa mana sagadaa sanaatii namoonni muraasni dhufanii, “Intalli tee duuteetti! Kana booda maaliif Barsiisaa dhamaasta?”+ jedhan. 36 Yesuus garuu wanta isaan dubbatan dhagaʼee, geggeessaa mana sagadaa sanaan, “Amani+ qofa malee hin sodaatin”* jedhe. 37 Yeroo kanatti Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannis obboleessa Yaaqoob+ malee eenyu illee akka isa duukaa buʼu hin heyyamne.
-