Keessa Deebii 18:18 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 18 Ani obboloota isaanii gidduudhaa raajii akka keetii isaaniif nan kaasa;+ dubbii koo afaan isaa keessa nan kaaʼa;+ innis wantan isa ajaju hundumaa isaanitti ni hima.+ Luqaas 7:15, 16 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 15 Inni duʼe sunis ol jedhee taaʼee dubbachuu jalqabe; Yesuusis haadha isaatiif isa kenne.+ 16 Yeroo kanatti hundi isaanii baayʼee sodaatanii, “Raajii guddaan tokko nu gidduutti kaʼeera”+ akkasumas, “Waaqayyo saba isaa yaadateera” jedhanii Waaqayyoof ulfina kennuu jalqaban.+ Yohaannis 3:2 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 2 Inni halkan keessa gara Yesuus dhufee,+ “Rabbii,+ ati barsiisaa Waaqayyo biraa dhufe taʼuu kee beekna; sababiin isaas, Waaqayyo yoo isaa wajjin taʼe malee namni dinqiiwwan ati hojjettu kana+ hojjechuu dandaʼu hin jiru”+ isaan jedhe. Yohaannis 6:14 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 14 Namoonni sun dinqii Yesuus hojjete yommuu argan, “Kun dhuguma iyyuu Raajicha isa gara addunyaa akka dhufu dubbatame sana dha”+ jedhan. Hojii Ergamootaa 2:22 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 22 “Yaa namoota Israaʼel dubbii kana dhagaʼaa: Yesuus namni Naazireet hojiiwwan guguddaa, dinqiiwwanii fi mallattoowwan Waaqayyo karaa isaa isin gidduutti raawwateen,+ nama Waaqayyo ifatti isinitti mulʼise taʼuu isaa isinumti iyyuu ni beektu.
18 Ani obboloota isaanii gidduudhaa raajii akka keetii isaaniif nan kaasa;+ dubbii koo afaan isaa keessa nan kaaʼa;+ innis wantan isa ajaju hundumaa isaanitti ni hima.+
15 Inni duʼe sunis ol jedhee taaʼee dubbachuu jalqabe; Yesuusis haadha isaatiif isa kenne.+ 16 Yeroo kanatti hundi isaanii baayʼee sodaatanii, “Raajii guddaan tokko nu gidduutti kaʼeera”+ akkasumas, “Waaqayyo saba isaa yaadateera” jedhanii Waaqayyoof ulfina kennuu jalqaban.+
2 Inni halkan keessa gara Yesuus dhufee,+ “Rabbii,+ ati barsiisaa Waaqayyo biraa dhufe taʼuu kee beekna; sababiin isaas, Waaqayyo yoo isaa wajjin taʼe malee namni dinqiiwwan ati hojjettu kana+ hojjechuu dandaʼu hin jiru”+ isaan jedhe.
14 Namoonni sun dinqii Yesuus hojjete yommuu argan, “Kun dhuguma iyyuu Raajicha isa gara addunyaa akka dhufu dubbatame sana dha”+ jedhan.
22 “Yaa namoota Israaʼel dubbii kana dhagaʼaa: Yesuus namni Naazireet hojiiwwan guguddaa, dinqiiwwanii fi mallattoowwan Waaqayyo karaa isaa isin gidduutti raawwateen,+ nama Waaqayyo ifatti isinitti mulʼise taʼuu isaa isinumti iyyuu ni beektu.