-
Yohaannis 12:28-30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Yaa Abbaa, maqaa keetiif ulfina kenni.” Achiis sagaleen,+ “Ani maqaa kootiif ulfina kenneera; ammas ulfina nan kennaaf”+ jedhu tokko samii irraa ni dhufe.
29 Namoonni achi dhaabbatanis sagalee kana yommuu dhagaʼan, “Kakawwee dha” jedhan. Kaan immoo, “Maleekaatu isatti dubbate” jedhan. 30 Yesuusis deebisee akkana jedhe: “Sagaleen kun kan dhagaʼame isiniif malee anaaf miti.
-
-
1 Yohaannis 5:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Isa namoonni ragaa baʼan kan fudhannu yoo taʼe, wanti Waaqayyo ragaa baʼu immoo kana irra ni caala. Sababiin isaas, wanti Waaqayyo ragaa baʼe isa kana, kunis isa inni waaʼee Ilma isaa ragaa baʼe dha.
-