Yohaannis 3:2 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 2 Inni halkan keessa gara Yesuus dhufee,+ “Rabbii,+ ati barsiisaa Waaqayyo biraa dhufe taʼuu kee beekna; sababiin isaas, Waaqayyo yoo isaa wajjin taʼe malee namni dinqiiwwan ati hojjettu kana+ hojjechuu dandaʼu hin jiru”+ isaan jedhe. Yohaannis 5:36 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 36 Ani garuu Yohaannis caalaa dhugaa kan anaaf baʼu qaba; sababiin isaas, hojiiwwan akka ani hojjedhu Abbaan koo natti kenne, jechuunis hojiiwwan ani hojjechaa jiru kun, Abbaan akka na erge dhugaa baʼu.+ Yohaannis 10:38 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 38 Hojii Abbaa koo nan hojjedha yoon taʼe garuu, yoo na amanuu baattan illee, Abbaan anaa wajjin tokkummaa akka qabuu fi anis Abbaa wajjin tokkummaa akkan qabu+ akka beektanii fi beekuu keessan akka itti fuftaniif hojiiwwan sana amanaa.”+ Yohaannis 14:10 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 10 Ani Abbaa wajjin tokkummaa akkan qabuu fi Abbaanis anaa wajjin tokkummaa akka qabu hin amantuu?+ Ani wantootan isinitti dubbadhe ofii kootiin kakaʼee hin dubbanne;+ kanaa mannaa, Abbaa isa naa wajjin tokkummaa qabutu hojii isaa hojjechaa jira. Hojii Ergamootaa 2:22 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 22 “Yaa namoota Israaʼel dubbii kana dhagaʼaa: Yesuus namni Naazireet hojiiwwan guguddaa, dinqiiwwanii fi mallattoowwan Waaqayyo karaa isaa isin gidduutti raawwateen,+ nama Waaqayyo ifatti isinitti mulʼise taʼuu isaa isinumti iyyuu ni beektu.
2 Inni halkan keessa gara Yesuus dhufee,+ “Rabbii,+ ati barsiisaa Waaqayyo biraa dhufe taʼuu kee beekna; sababiin isaas, Waaqayyo yoo isaa wajjin taʼe malee namni dinqiiwwan ati hojjettu kana+ hojjechuu dandaʼu hin jiru”+ isaan jedhe.
36 Ani garuu Yohaannis caalaa dhugaa kan anaaf baʼu qaba; sababiin isaas, hojiiwwan akka ani hojjedhu Abbaan koo natti kenne, jechuunis hojiiwwan ani hojjechaa jiru kun, Abbaan akka na erge dhugaa baʼu.+
38 Hojii Abbaa koo nan hojjedha yoon taʼe garuu, yoo na amanuu baattan illee, Abbaan anaa wajjin tokkummaa akka qabuu fi anis Abbaa wajjin tokkummaa akkan qabu+ akka beektanii fi beekuu keessan akka itti fuftaniif hojiiwwan sana amanaa.”+
10 Ani Abbaa wajjin tokkummaa akkan qabuu fi Abbaanis anaa wajjin tokkummaa akka qabu hin amantuu?+ Ani wantootan isinitti dubbadhe ofii kootiin kakaʼee hin dubbanne;+ kanaa mannaa, Abbaa isa naa wajjin tokkummaa qabutu hojii isaa hojjechaa jira.
22 “Yaa namoota Israaʼel dubbii kana dhagaʼaa: Yesuus namni Naazireet hojiiwwan guguddaa, dinqiiwwanii fi mallattoowwan Waaqayyo karaa isaa isin gidduutti raawwateen,+ nama Waaqayyo ifatti isinitti mulʼise taʼuu isaa isinumti iyyuu ni beektu.