-
Maatewos 9:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Yeroo kanatti barsiisonni seeraa tokko tokko, “Namni kun Waaqayyoon arrabsaa jira” jedhanii yaadan. 4 Yesuusis yaada isaanii hubatee akkana jedhe: “Garaa keessanitti maaliif wanta hamaa yaaddu?+
-
-
Maarqos 2:6-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Yeroo kanatti barsiisonni seeraa achi turan tokko tokko taaʼanii garaa isaaniitti akkana jedhanii yaadu turan:+ 7 “Namni kun maaliif akkana jedha? Inni Waaqayyoon arrabsaa jira. Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuudhaaf dhiifama gochuu dandaʼa?”+ 8 Yesuus garuu yeruma sana isaan garaa isaaniitti kana yaadaa akka jiran hafuura isaatiin waan hubateef akkana isaaniin jedhe: “Garaa keessanitti maaliif wantoota akkanaa yaaddu?+
-
-
Yohaannis 1:47, 48Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
47 Yesuus utuu Naatnaaʼel gara isaa dhufuu argee waaʼee isaa, “Ilaa, nama Israaʼel isa dhugaa, isa haxxummaan keessa hin jirre”+ jedhe. 48 Yeroo kanatti Naatnaaʼel, “Akkamitti na beekte?” isaan jedhe. Yesuusis, “Filiphoos si waamuu isaa dura, utuu ati muka harbuu jala jirtuun si arge” jedhee isaaf deebise.
-