-
Hojii Ergamootaa 22:6-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 “Haa taʼu malee, utuman deemaa jiruu, yommuun Damaasqootti dhihaadhu, gara guyyaa walakkaa akkuma tasaa ifni guddaan tokko samii irraa naannoo koo hundatti balaqqeessaʼe;+ 7 anis lafatti kufee sagaleen tokko, ‘Saaʼol, Saaʼol, maaliif na ariʼatta?’ yommuu naan jedhu nan dhagaʼe. 8 Anis, ‘Yaa Gooftaa, ati eenyu?’ jedheen deebise. Innis, ‘Ani Yesuus nama Naazireet, isa ati ariʼattu sana dha’ naan jedhe.
-