-
Hojii Ergamootaa 23:26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 “Qalaawudewos Liisiyaas irraa, kabajamaa Feeliksi Bulchaa Biyyaatiif: Nagaan siif haa taʼu!
-
-
Hojii Ergamootaa 23:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Sababiin inni itti himatame waaʼee dhimma Seera isaanii taʼuu isaa hubadheera;+ taʼus, himata duʼaaf yookiin hidhaadhaaf isa geessisu tokko illee hin arganne.
-
-
Hojii Ergamootaa 25:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Yeroo kanatti Feesxos akkana jedhe: “Yaa Agriiphaa mootichaa, isin warri nuu wajjin asitti argamtan hundis, namichi Yihudoonni hundi kana booda jiraachuu hin qabu jedhanii Yerusaalemittis taʼe asitti iyyanii na kadhatan sun isa kana.+ 25 Ani garuu inni wanta duʼaaf isa geessisu tokko illee akka hin hojjenne hubadheera.+ Kanaafuu, yommuu inni gara Awugusxositti ol iyyatu, achitti isa erguufan murteesse.
-