-
Luqaas 18:10-14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “Namoonni lama kadhannaadhaaf gara mana qulqullummaa dhaqan; inni tokko Fariisii, inni tokko immoo nama qaraxa sassaabu ture. 11 Fariisichi dhaabbatee garaa isaatti akkana jedhee kadhachuu jalqabe: ‘Yaa Waaqayyo, ani akka namoota kaanii, jechuunis akka saamtotaa, akka jalʼootaa, akka ejjitootaa, akka nama qaraxa sassaabu kanaa illee waanan hin taaneef sin galateeffadha. 12 Torbanitti siʼa lama nan sooma; waanan argadhu hunda keessaas kurnoo nan kenna.’+ 13 Inni qaraxa sassaabu garuu fagoo kan dhaabbate yeroo taʼu, gara samii ilaaluuf illee hin onnanne; kanaa mannaa qoma isaa rurrukutaa, ‘Yaa Waaqayyo, ani cubbamaa dha, garaa naa laafi’+ jedhe. 14 Ani isinitti nan hima, namichi kun Fariisicha caalaa qajeelaa taʼee gara mana isaatti deebiʼe.+ Sababiin isaas, namni ol of qabu hundi ni salphifama; namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol ni qabama.”+
-