24 “Kanaafuu, namni dubbii koo kana dhagaʼee hojii irra oolchu, nama hubataa mana isaa qarsaa irratti ijaarrate fakkaata.+ 25 Bokkaan ni roobe, lolaan ni lolaʼe, bubbeen ni bubbise, manichas ni rukute; haa taʼu malee, manichi qarsaa irratti waan ijaarameef hin jigne.