-
2 Ximotewos 1:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Inni sababii hojii keenyaatiin utuu hin taʼin, kaayyoo isaa fi gaarummaa isaa isa guddaadhaan kan kaʼe nu oolcheera,+ waamicha qulqulluudhaanis nu waameera.+ Kunis Kiristoos Yesuusii wajjin haala wal qabateen yeroo dheeraa dura nuu kenname; 10 amma garuu mulʼachuu Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus,+ isa duʼa balleessee+ karaa misiraachichaa+ jireenyaa fi qaama hin tortorre+ irratti ifni akka ifu godhe+ sanaatiin akka gaariitti beekameera;
-